Mammaaksa

Mammaaksi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta'u jechoota beekkumsaa fi ogummaa qaban of keessaa qaba. Mammaaksi dubbii fiduufi gabaabsanii fixuuf ykn salphaatti namatti himuuf tajaajila.

Uummanni Oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha. Oromoon dubbii cimsanii fi gabaabsanii mi’eessuuniifi miidhagsuun fixuuf mammaaksatti fayyadama, keessaahuu warri maanguddoo. Yeroo baay’ee manguddoonni araarsufis ta’e marii hawaas-dinagdee adda addaaf yoo walga’an yaada isaanii gadi fagessanii garuu osoo dubbii hindheeressin ibsachuuf mammaaksatti fayyadamu.

Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti waan hedduuf mammaakama. Fakkeenyaaf, qarutuma, tuffii, jaalala, hawwii, haqa, gootummaa, doqnummaa, jibbaafi kkf, agarsiisuuf nimammaakama. Ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu. Fakkeenyaaf, aadaa, seenaa, durdurii faa beekuu barbaachisaadha.


© MMXXIII Rich X Search. We shall prevail. All rights reserved. Rich X Search